Gaaffiilee Yeroo Baay’ee Gaafataman
Xaafiin keenya qonnaan bultoota lafa baddaa, giddugaleessaafi kibba Itoophiyaatti
argamaniifi oogummaa olaanaa qabaniin mala aadaa fi uumamaan oomishama. Maloota
oomisha aadaa yeroo dheeraaf hojiirra oolaa tureefi haala yeroo waliin deemu tooftaalee
tekinooloojii ammayyaan deggeruudhaan Gaanfa Afrikaa keessatti xaafii qulqullina
sadarkaa olaanaa qabu walitti fufiinsaan oomishuu danda'u. Nutis midhaanota filatamoo
ta’an qofa wiirtulee oomishaa irraa fudhanna.
Fageenyi imala karaa dheeraa qulqullinaafi qabiyyee nyaataa daakuu xaafii keenya
mancaasuu waan danda’uuf kallattiidhaan Itoophiyaa irraa hin galchinu. Kanaaf sanyii
xaafii filatamaa fageenya kamiyyuu dandamatu ergina. Midhaan xaafii keenya jalqaba
Itoophiyaa irraa gara Jibuutii geejjibamuun, achirraan gara Awurooppaatti geejjibama.
Bakka karoorfame erga ga’ee booda baabura miidhaanii keenya Faransaayitti argamutti daakuudhaan guyyoota muraasaaf qindeessuudhaan isin bira ga’a. Toiftaan kunis
daakuu ho’aa, qabiyyee nyaataafi foolii xaafummaa isaa eegamee akka isin qaqqabu
taasisa.
Nuti xaafii daakamee xumurame kuusaa keenyatti kuusnee qabanne osoo hin taane erga
ajaji keessan nu qaqqabee booda baabura miidhaanii keenya Faransaayitti argamutti
daakna. Midhaan xaafii keenya kanas adeemsa qophii nyaataa Itoophiyaa fi Ertiriyaa
durii irraa eegalee ture hordofuudhaan of eeggannoodhaan baabura mala aadaan
walsimutti daakuun qopheessina. Kunis daakuun keenya foolii uumamaafi qabiyyee
uumamaan isaa akka eegamu mirkaneessa. Kun ammoo daabboofi buddeena filatamaa
qopheessuuf baay’ee filatamaa taasisa.
Miidhaan xaafii keenya osoo hin ergin dura sirnaan addaan baafamee, qulqulleeffameefi
sakattaa’amee qophaa’a. Qaamoleen tajaajila fe’isaa kennan kamiyyuu waraqaa ragaa
sadarkaa qulqullinaa guutuu isaanii mirkaneessu qabaachuu qabu. Tarkaanfiiwwan adeemsa
keessatti jechuunis midhaan addaan baasuu, daakuu, korojoo waraqaa tolfame kan korojoo
pilaastikiirra qulqullinaafi eegumsa naannoof mijataa keessatti qopheessuu dabalatee
eegumsaafi kunuunsa barbaachisaa ni taasifna. Sadarkaalee qulqullinaa olaanoo
mirkaneessuudhaaf, daakuun xaafii keenya ulaagaalee danbiiwwan nyaataa Awurooppaa
kan guutan tahuu isaanii mirkaneessuuf laaboraatoorii walaba ta’aniin ni qoratamu.
Waa’ee qabiyyee oomisha keenyaa ilaalchisee wantoonni isin beekuu qabdan qodaa
oomishi keenya ittiin dhiyaatuufi marsariitii keenya irratti ifatti ka’amee jira.
Xaafiin keenya orgaanikii miti, garuu ammoo adeemsa uumamaan oomishama. Midhaan
xaafii keenya baay’een isaa qonnaan bultoota osoo xaa’oo keemikaala yookaan
keemikaala farra ilbiisotaa hin fayyadamin adeemsa uumamaa fayyadamuun oomishan
irraa argama. Kana mirkaneessuudhaaf xaafiin kamiyyuu Itoophiyaa irraa wayita fe’amu
qabiyyeewwan nama miidhan irraa walaba tahuu isaa mirkaneessuudhaaf
qorannoowwan laaboraatoorii ni gaggeefffamu.
Nuti yeroo mara iyyuu hanga danda’ametti atattamaan isin qaqqabsiisuuf qophiidha.
Oomisha Keenya isin biraan ga’uudhaaf yeroon fudhatu baay’ina ajajameefi
fageenya isin irratti argamtan irratti hunda’a. Haatahu malee hanga danda’ametti
atattamaan isin biraan ga’uudhaaf kan hojjennu yoo ta’u , fageenya keessan irratti
hundaa’uun guyyoota 3-7 tti isin biraan geenya. Ajajawwan fedhii irratti hundaa’an
midhaan daakuun guyyoota 2-4 kan fudhatu yoo ta’u, geejjibuun fageenya biyya isin
keessatti argamtanii irratti hundaa’uun sa’atii 24 -72 fudhata. Ajajawwan xixiqqoo
(habga toonii 2) biyyoota ollaa Faransaayitti argaman biraan ga’uudhaaf guyyoota
hojii 3-4 kan fudhatu yoo ta’u, ajajawwan gurguddoon fageenya dheeraa deeman
guyyoota 7-10 fudhata.
Gatiin keenya baay’ina ajajame irratti hunda’a. Nubiratti maallaqa keessaniin gatii guddaa
argattu. Imeeyilii itti aanu kana fayyadamuun osoo hin ajajin dura waa’ee gatiif nu
dubbisaa: info@aromaimpex.com
Gurgurattoonni warri kaan baay’een isaanii xaafii daakame daakuu isaa kallattiidhaan
Afrikaa irraa galchuun kuusanii achiin booda kan gurguran yoo ta’u nuti garuu erga isin
ajajattanii booda daakuudhaan daakuu ho’aa isiniif dhiyeessina. Kana jechuun daakuun
keenya yeroo dheeraaf kuufamee turee qabiyyee isaa waan hin mancaaneef daakuu
ho’aa qabiyyee uumamaa isaa eeggate akka isiniif dhiyeessinuuf nu gargaara jechuudha.
Dhaabbilee biroon daakuu isaanii korojoo pilaastikii kan eegumsa naannoof mijaataa hin
taanetti kan saamsan yoo ta’u, nuti garuu qulqullina daakuu xaafii keenya eeguufi fayyaa
pilaaneetii keenya tumsuuf korojoo waraqaa irraa tolfame fayyadamna. Baabura
miidhaanii akkaataa mala aadaatiin daakee qindeessu waan fayyadamnuuf daakuu Xaafii
qabiyyee fi foolii uumamaa xaafummaa isaa eeggate akka dhiyeessinuuf nu gargaara.
Yeroo mara qulqullinaaf dursa kennina.
Dhimma eegumsa naannoofis xiyyeeffannoo olaanaa kennina. Warshaan keenya
Faransaayitti argamu aanisaa haayidiroo deebi’ee haareffamuufi anniisaa aduu
fayyadamuun hojjeta. Qonnaan bultoonni Itoophiyaa qabeenya bishaaniifi naannoo
isaanii akka kunuunsaniif ni tumsina.
Isin abbaa qabeenyaa giroosarii, restooraantii, mana daabboo yookaan kaaffeetii? Akkas
taanaan samuuda oomisha keenyaa isiniif erguu dandeenya?
Eeyyee! Tokkoon tokkoon ajaja Xaafii Aroomaa/albuudaan badhaadhe/ dhimmoota
herregaa keessaniif naga’ee waliin ergamu!