Iccitiin Daakuu Adii fi Xaafii Adii Keenya Qulqullina Sadarkaa Olaanaa Duuba Jiru
Daakuu Xaafii Keenya

- Midhaan Xaafii Sanyii Filatamaa Filachuudhaaf Kallattiidhaan Qonaan Bultoota Waliin Hojjenna.
- Daakuu ho’aa filatamaa ta’e isin biraan ga’uudhaaf erga ajajni keessan nu bira ga’ee booda baabura miidhaanii keenya Faransaayitti argamutti daakuu eegalla.
- Oomisha daakuu keenya sirna aadaa naannoo Itoophiyaa fi sadarkaa qulqullinaa olaanaa Itoophiyaa hordofuu dhaan of eeggannoon oomishma.
- Daakuun xaafii keenya sirnaan daakame buddeen filatamaa tolchuudhaaf filatamaa yoo ta’u mi’eessituuwwan gosa addaa addaa of keessaa qaba.
Haaluma kanaan akkaataa fedhii keessaniin daakuu ho'aa korojoo abbaa kiilo giraamii 1, Kg 5 ykn Kg 25 tti bakka isin jirtanitti isiniif dhiyeessina
Oomishaalee Keenya
Daakuun keenya buddeena filatamaa tolchuudhaaf
qulqullina sadarkaa olaanaa qaba
About Aroma Impex
Nuti lammii Suwiizarlaandiifi Itoophiyaa taanee, Jiin Doominikee fi Ma’azaa Mulgeetaa
Leehimaan kan jedhamnu yoo ta’u biyya Suwiizarlaandi Magaalaa Jeneevaa jiraanna.
Ma’azaa Mulgeetaa Finfinneetti dhalattee kan guddatte yoo ta’u, malli qophii nyaataa
habashaa bu’uura jireenyaa fi aadaa isheeti. Jiin ammoo waggoota murtaa’anii
Itoophiyaa jiraachaa ture. Yeroo turtii isaa Itoophiyaa keessatti dabarsetti qonnaan
Bultoota Itoophiyaa waliin hariiroo gaarii gabbifatee jira. Mul’ati keenya sona aadaa
kabajuudhaan mala qophii nyaataa aadaa Itoophiyaa fi Ertiriyaa tumsuufi babal’isuudha.

Gaaffiilee Yeroo Baay’ee Gaafataman
Xaafiin keenya qonnaan bultoota lafa baddaa, giddugaleessaafi kibba Itoophiyaatti
argamaniifi oogummaa olaanaa qabaniin mala aadaa fi uumamaan oomishama. Maloota
oomisha aadaa yeroo dheeraaf hojiirra oolaa tureefi haala yeroo waliin deemu tooftaalee
tekinooloojii ammayyaan deggeruudhaan Gaanfa Afrikaa keessatti xaafii qulqullina
sadarkaa olaanaa qabu walitti fufiinsaan oomishuu danda'u. Nutis midhaanota filatamoo
ta’an qofa wiirtulee oomishaa irraa fudhanna.
Fageenyi imala karaa dheeraa qulqullinaafi qabiyyee nyaataa daakuu xaafii keenya
mancaasuu waan danda’uuf kallattiidhaan Itoophiyaa irraa hin galchinu. Kanaaf sanyii
xaafii filatamaa fageenya kamiyyuu dandamatu ergina. Midhaan xaafii keenya jalqaba
Itoophiyaa irraa gara Jibuutii geejjibamuun, achirraan gara Awurooppaatti geejjibama.
Bakka karoorfame erga ga’ee booda baabura miidhaanii keenya Faransaayitti argamutti
daakuudhaan guyyoota muraasaaf qindeessuudhaan isin bira ga’a. Toiftaan kunis
daakuu ho’aa, qabiyyee nyaataafi foolii xaafummaa isaa eegamee akka isin qaqqabu
taasisa.
Nuti xaafii daakamee xumurame kuusaa keenyatti kuusnee qabanne osoo hin taane erga
ajaji keessan nu qaqqabee booda baabura miidhaanii keenya Faransaayitti argamutti
daakna. Midhaan xaafii keenya kanas adeemsa qophii nyaataa Itoophiyaa fi Ertiriyaa
durii irraa eegalee ture hordofuudhaan of eeggannoodhaan baabura mala aadaan
walsimutti daakuun qopheessina. Kunis daakuun keenya foolii uumamaafi qabiyyee
uumamaan isaa akka eegamu mirkaneessa. Kun ammoo daabboofi buddeena filatamaa
qopheessuuf baay’ee filatamaa taasisa.